Gorsa Xumuraa
1 Akka obbolootaatti wal jaallachuu itti fufaa. 2 Keessumoota simachuu hin irraanfatinaa; namoonni tokko tokko akkasiin utuu hin beekin malaʼikkoota Allaaha simataniiruutii. 3 Warra mana hidhaa jiran akka waan isaan wajjin hidhamtaniitti, warra dhiphina keessa jiranis akka waan ofii dhiphattaniitti yaadadhaa.