17 Yoo mukni harbuu daraaruu baatee
iji wayinii muka wayinii irra jiraachuu baate iyyuu,
yoo mukni ejersaa ija naqachuu didee
lafti qotiisaa midhaan dhowwate iyyuu,
yoo hoolonni gola keessaa,
loonis dallaa keessaa dhabaman iyyuu,
18 ani garuu Rabbii Allaahatti nan gammada;
Allaah isa na fayyisutti nan gammada.
19 Rabbii Allaahan Gooftaan jabina koo ti;
inni miilla koo akka miilla borofaa godha;
lafa ol kaʼaa irras na deemsisa.
Dura buʼaa faarfannaatiif. Meeshaa koo kan ribuutiin kan faarfatame.