Pular para o conteúdo
Publicidade

Roomaa 8:11-17

11 Hafuurri Allaaha inni Iisaa warra duʼan keessaa kaase sun yoo isin keessa jiraate garuu, inni Al-Masiihii Iisaa warra duʼan keessaa kaase sun karaa Hafuura isaa kan isin keessa jiruutiin dhagna keessan isa duʼuufis jireenya kenna.

12 Egaa yaa obboloota, nu gatii of irraa qabna; garuu fooniif miti; akka fooniitti jiraachuufis miti. 13 Isin yoo akka fooniitti jiraattan ni duutuutii; yoo Hafuuraan hojii foon keessanii ajjeeftan garuu ni jiraattu.

14 Warri Hafuura Allaahatiin qajeelfaman hundinuu ilmaan Allaahatii. 15 Isin Hafuura ilmummaa isa nu ittiin, "Aabbaa, yaa Abbaa" jennee waammannu sana argattan malee Hafuura garbummaa kan gara sodaatti isin deebisu hin arganne. 16 Akka nu ijoollee Allaaha taane kan hafuura keenya wajjin dhugaa baʼus Hafuuruma sana. 17 Yoo ijoollee taane immoo nu dhaaltota; akka hirmaattota ulfina isaa taanuufis yoo hirmaattota dhiphina isaa taane, nu dhaaltota Allaaha ti; Al-Masiihii wajjinis ni dhaalla.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.