31 Egaa kana irratti maal jenna ree? Erga Allaahan nu wajjin taʼee eenyutu nuun mormuu dandaʼa? 32 Allaahan Ilma isaa illee utuu hin mararfatin hunduma keenyaaf dabarsee kenne sun akkamitti waan biraa hundumas isa wajjin akkasuma arjummaan nuuf hin kennu ree? 33 Warra Allaahan filate eenyutu himata? Kan qajeelaa nama taasisu Allaah. 34 Kan itti muru eenyu? Al-Masiihii Iisaa isuma nuuf duʼee, kana caalaa immoo warra duʼan keessaa kaʼee mirga Allaaha jiruu fi duʼaa nuuf godhu sanaa dha. 35 Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? 36 Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"8:36 Zab 44:22
jedhamee barreeffamee dha. 37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla. 38 Duuti yookaan jireenyi, malaʼikkoonni yookaan bulchitoonni, hangafoonni, wanni ammaa yookaan wanni dhufuuf jiru yookaan humni tokko iyyuu, 39 ol dheerinni yookaan gad fageenyi yookaan uumamni biraa kam iyyuu jaalala Allaaha kan Al-Masiihii Iisaa Gooftaa keenyaa irraa akka gargar nu baasuu hin dandeenye ani amaneera.