5Ee Mootii Waan Maraa, ati dansa’a;namaafille hin araaranta;worra si waammatuuf,jaalala keeti ka bara baraa hin baceessita.
13Jaalalli keeti ka bara baraaka ati naaf qaddu gudda’a;ati lubbuu tiyyaqilee addee worri du’e jiru irraa hamburteerta.
15Ee Gootta’a, ati ammoo,Waaqa mararaa arja’a;aari’iif hin ariifattu;jaalalli keeti ka bara baraatii fiaddatamummaan teetille baca’a.