Pular para o conteúdo
Publicidade

Cânticos 8

1 Ati adoo obboleessa kiyya

ka harma haadha tiyyaa hodhe, naaf teetee,

ani karaa irratti si dhaggee,

adoo si sunqadhee jiraadhe,

silaa eennulle na hin tuffatuuyyu.

2 Ani silaa gara mana haadha tiyyaa,

ta na barsiittee si geessee,

daadhii woyni’ii dansaa sii kennee,

cunfaa midhaan muka rumaaniille

si obaasaayyu.

3 Harki isaa bitaachi

mataa kiyya jala adoo jiraataa;

harki isaa middichi adoo na hanqafata.

4 Ee, dubartoota Yerusaalemii,

jaalalleen kiyya haga inni fedhuma ifiitiin ka’utti,

akka isa hin dammassine,

ani isin kadhadha.

Faaruu Jayeesso’oo

Dubartooti Jaaloti Waajibitti’ii

5 Ta jaalallee ifii qabattee,

goomolee keessaa ol bayiisatti jirtu tun eennu?

Waajibittii

Ani muka appili’ii jalaa si kaase;

haati teeti achitti ulfoottee,

isiin achitti ciniinsifattee si deette.

6 Akka chaappa’aatitti gadhaa keeti keessatti,

irree teeti irralle’etti na mallatteeffadhu.

Jaalalli akka du’aa jabaata;

hinaaffaalle akka boolla awwaalaa jabaatti.

Bobeenni isi’ii akka bobe’a ibiddaa,

ka tallisuu ti.

7 Bisaan guddaan

ibidda jaalalaa dhaanfuu hin dande’u;

lolaan haree hin dande’u.

Nami tokko qabeenna mana ifii mara

jaalalaaf yoo kenne,

ijjumaa hin tuffatama.

Obboleeyyan Waajibitti’ii

8 Nuuti obboleettii diqqittii,

guntuta hin baasin takka qanna.

Guyyaa isii kadhatane,

nuuti maan goona laati?

9 Adoo isiin dalleyaa dhaka’aa teetee,

xelleephoo meeti’ii isii irratti hin ijaarra;

adoo isiin balbala teetee,

saanqaa hindheensaatiin hin cunna.

Waajibittii

10 Ani dalleya dhaka’aa ti;

harmi kiyya xelleephoo fakkaata;

ani ila isaa duratti nama nageya isaaf fidu te’e.

11 Solomoon Ba’aal-Hamoon keessaa

oorruu muka woyni’ii qabaayyu.

Oorruu muka woyni’ii san worra eegutti kireesse;

tokko tokkoon isaanii

gatii midhaan woyni’iitiif,

meetii kuma tokko tokko fidaniiyyu.

12 Oorruun muka woyni’ii tiyya, tiyyuma;

ee Solomoon, ati kuma fudhadhu;

worri oorruu muka woyni’ii eegulle

dhibba lama fudhatuu ti.

Waajibichi

13 Ee, ati ta oorruu keessa leetu,

jaaloti tiyya qoonqoo teeti caqasiisatti jiran;

anille qoonqoo teeti dhage’uu ti.

Waajibittii

14 Jaalallee kiyya, dafii koy!

Akka jiliba’aa yookiin akka ilmoolee gadansaa

gaara uddowaan itti latu irraa utaalii koy!

Veja também