27 Kanaafuu namni haala hin malleen buddeena sana nyaatu yookaan xoofoo Gooftaa dhugu kam iyyuu foonii fi dhiiga Gooftaatti ni gaafatama. 28 Namni tokko utuu buddeena sana irraa hin nyaatin, utuu xoofoo sana irraas hin dhugin dura of qoruu qaba. 29 Namni utuu foon Gooftaa addaan baasee hin hubatin nyaatee dhugu, inni ofii isaatti murtii nyaatee dhugaatii.
Publicidade