Tokkummaa fi garaa garummaa Kutaa Dhagnaa
12 Dhagni kutaa baayʼee qabaatu illee dhagnuma tokko; kutaawwan dhagnaa yoo baayʼatani illee hundi isaanii dhagnuma tokko taʼu. Al-Masiihiinis akkasuma. 13 Nu Yihuudoota yookaan Giriikota, garboota yookaan warra bilisooman taanus hundi keenya Hafuura tokkoon dhagna tokkotti cuuphamneerraatii; hundi keenyas, akka dhugnuuf Hafuurri tokkichi sun nuu kennameera. 14 Dhagni kutaa tokko qofa utuu hin taʼin kutaawwan baayʼeedhaatii.
15 Miilli yoo, "Ani waanan harka hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa mitii" jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. 16 Gurris yoo, "Ani waanan ija hin taʼiniif, ani kutaa dhagnaa miti" jedhe, sababii kanaaf kutaa dhagnaa taʼuun isaa hin hafu. 17 Utuu dhagni guutumaatti ija taʼee jiraatee silaa dhagaʼuun eessa jira? Utuu dhagni guutumaatti gurra taʼee jiraatee silaa fuunfachuun eessa jira? 18 Amma garuu Allaahan akkuma ofii barbaadetti kutaawwan sana adduma addaan dhagna keessa kaaʼeera. 19 Utuu hundi isaanii kutaa dhagnaa tokkicha taʼanii silaa dhagni eessa jira? 20 Egaa kutaawwan dhagnaa baayʼee dha; dhagni garuu tokkuma.
21 Iji harkaan, "Ati na hin barbaachiftu!" jechuu hin dandaʼu; yookaan mataan miillaan, "Ati na hin barbaachiftu!" jechuu hin dandaʼu. 22 Dhugumaanuu kutaawwan dhagnaa kanneen dadhaboo fakkaatan akka malee barbaachisoo dha; 23 kutaawwan dhagnaa kanneen tuffatamoo nutti fakkaataniifis ulfina addaa ni kennina. Kutaawwan dhagnaa kanneen nu itti qaanofnuuf immoo ulfinni addaa ni kennama; 24 kutaawwan dhagna keenyaa kanneen nu itti hin qaanofne waan kana hin barbaadan. Allaahan garuu kutaawwan dhagnaa walitti fayyisee kutaawwan nu itti qaanofnuuf ulfina caalu kenne; 25 kunis akka kutaawwan haaluma tokkoon walii yaadanii fi akka dhagna keessa gargar baʼuun hin jiraanneef. 26 Yoo kutaan dhagnaa tokko rakkate kutaawwan hundinuu isa wajjin rakkatu; yoo kutaan tokko ulfina argate kutaawwan hundi isa wajjin gammadu.
27 Isin amma dhagna Al-Masiihii ti; tokkoon tokkoon keessanis kutaa dhagna sanaa ti.