Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Qorontos 6

Wal Himachuu Amantootaa

1 Isin keessaa namni kam iyyuu yoo nama biraa irraa falmii qabaate, dhimma isaa qulqulloota duratti dhiʼeeffachuu irra akkamitti warra Allaahatti hin amanin duratti murtiif dhiʼeeffachuuf ija jabaata? 2 Isin akka qulqulloonni addunyaatti muran hin beektanii? Erga kan addunyaatti murtan taatanii waan xixinnootti muruu hin dandeessanii? 3 Isin akka nu malaʼikkoota Allaahatti murru hin beektanii? Yoos hammam caalaa waan jireenya addunyaa kanaatti haa murru ree? 4 Egaa yoo falmii dhimma akkasii qabaattan maaliif namoota waldaa Al-Masiihii keessatti tuffataman duratti dhiʼeeffattu ree? 5 Anis isin qaanessuuf waan kana nan dubbadha. Namni beekaan falmii amantoota gidduu jiruuf murtii kennuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru jechuudhaa?

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também