15 Isin akka dhagni keessan kutaa dhagna Al-Masiihii taʼe hin beektanii? Yoos ani kutaa dhagna Al-Masiihii fuudhee kutaa dhagna sagaagaltuu godhuu ree? Gonkumaa hin taʼu! 16 Isin akka namni sagaagaltuu wajjin wal qunnamtii qabu tokko ishee wajjin dhagna tokko taʼu hin beektanii? "Lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu" jedhameeraatii. 17 Namni Gooftaa wajjin tokko taʼe garuu Gooftaa wajjin hafuuraan tokko.
Publicidade
Publicidade