23 Isin karaa dubbii Allaaha isa jiraatuu fi cimee dhaabatu sanaatiin sanyii hin badne irraa lammata dhalattan malee sanyii badu irraa miti.
24 "Foon hundi akkuma margaa ti;
ulfinni isaa hundis akkuma daraaraa margaa ti;
margi ni coollaga; daraaraanis ni harcaʼa;
25 dubbiin Gooftaa garuu bara baraan ni jiraata."1:25 Isa 40:6-8
Dubbiin kunis injiila isinitti lallabame sana.