Pular para o conteúdo
Publicidade

1 Phexros 1

6 Isinis yoo amma yeroo gabaabaaf qorumsa gosa garaa garaa keessa darbuu qabaattan iyyuu waan kanaan akka malee gammaddan. 7 Wanni kunis akka amantiin keessan kan warqee yoo ibiddaan qulqulleeffame iyyuu badu sana caalu sun dhugaa taʼuun isaa mirkaneeffamee, yeroo itti Iisaa Al-Masiihiin mulʼatutti galata, ulfinaa fi kabaja fiduuf taʼe. 8 Isin utuu isa hin argin isa jaallattu; amma yoo isa arguu baattan iyyuu isatti amantu; gammachuu ibsamuu hin dandeenyee fi ulfina qabeessaanis guutamtaniirtu; 9 isin buʼaa amantii keessanii jechuunis fayyina lubbuu keessanii argachaa jirtuutii.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.

Veja também