Ulaagaa Phaaphaasotaa fi Daaqonootaa
1 Jechi, "Eenyu iyyuu yoo Phaaphaasii taʼuu hawwe, hojii gaarii hawwa" jedhu kun amanamaa dha. 2 Egaa Phaaphaasiin kan mudaa hin qabne, kan niitii tokkittii qabu, amala qabeessa, kan of qabu, kabajamaa, kan keessummaa simatu, kan barsiisuu dandaʼu, 3 kan hin machoofne, kan goolii kaasu utuu hin taʼin obsa qabeessa, kan lola hin jaallannee fi kan maallaqa hin jaallanne taʼuu qaba. 4 Innis maatii ofii isaa sirriitti bulfatee akka ijoolleen isaa kabaja maluun isaaf ajajaman mirkaneessuu qaba. 5 Namni tokko yoo maatii ofii isaa akka itti bulfatu hin beekne inni akkamitti waldaa kiristaanaa Allaaha eeguu dandaʼaa? 6 Inni akka of jajuudhaan afuufamee murtii ibliis keessatti hin kufneef nama dhiʼoo amane hin taʼin. 7 Innis akka hin tuffatamnee fi akka kiyyoo ibliis keessattis hin kufneef warra alaa biratti maqaa gaarii haa qabaatu.