20 Waadaawwan Allaaha hundinuu Al-Masiihiin "Eeyyeedhaatii". Kanaafuu nu karaa isaatiin ulfina Allaahatiif "Ameen" jenna. 21 Egaa kan akka nu isin wajjin Al-Masiihitti jabaannee dhaabannu godhuu fi kan nu dibe Allaah; 22 innis chaappaa nutti chaappessee, qabdii Hafuura Qulqulluu garaa keenya keessa kaaʼe.
Publicidade