Pular para o conteúdo
Publicidade

Hojii 12:5,7,10,12-16

5 Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Allaah duratti duʼaa gochaa turte.

7 Akkuma tasaas, malaʼikkaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; malaʼikkaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, "Dafii kaʼi!" jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.

10 Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu malaʼikkaan sun isa biraa sokke.

12 Innis erga waan kana hubatee booddee mana Mariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii duʼaa gochaa turan dhaqe. 13 Yommuu Phexros balbala alaa rurrukutetti intalli hojjettuun Roodaa jedhamtu tokko ilaaluu dhufte. 14 Isheenis yommuu sagalee Phexros hubattetti akka malee gammadde; balbala banuu dhiiftees fiigdee ol deebitee akka Phexros balbala dura dhaabatu himte.

15 Isaanis, "Ati maraatteerta!" jedhaniin; isheen garuu cimsitee akka wanni kun akkasuma taʼe dubbatte; isaan immoo, "Yoos malaʼikkaa isaa ti!" jedhan.

16 Phexros garuu ittuma fufee balbalicha rurrukute; isaanis yommuu bananitti, isa arganii dinqifatan.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.