5 Kanaafuu Phexros mana hidhaa keessatti eegamaa ture; waldaan kiristaanaa garuu jabeessitee waaʼee isaatiif Allaah duratti duʼaa gochaa turte.
6 Edumtii guyyaa Heroodis itti Phexrosin dhiʼeessuuf ture sanaa Phexros foncaa lamaan hidhamee loltoota lama gidduu rafaa ture; loltoonni kaanis balbala dura dhaabatanii mana hidhaa sana eegaa turan. 7 Akkuma tasaas, malaʼikkaan Gooftaa tokko mulʼate; kutaa mana hidhaa sana keessattis ifni ife; malaʼikkaan sunis cinaacha Phexros tuqee isa dammaqsuudhaan, "Dafii kaʼi!" jedheen. Foncaan sunis harka isaa irraa harcaʼe.
8 Malaʼikkaan Allaaha sunis, "Uffata kee uffadhu; kophee kees kaaʼadhu" jedheen. Phexrosis akkasuma godhe. Malaʼikkaan sunis, "Wayyaa kee marxifadhuutii na faana buʼi" jedheen. 9 Phexrosis isa duukaa buʼee mana hidhaatii baʼe; innis waan mulʼata argu seʼe malee akka wanni malaʼikkaan Allaaha hojjechaa ture sun dhugaa taʼe hin beekne. 10 Isaanis waardiyyaa duraatii fi isa lammaffaa bira darbanii balbala sibiilaa kan magaalaatti gad baasu bira gaʼan; balballi sunis ofumaan banameef; isaanis gad baʼanii utuu daandii tokko irra gad buʼaa jiranuu malaʼikkaan sun isa biraa sokke.
11 Phexrosis qalbii isaatti deebiʼee, "Ani amma akka Gooftaan malaʼikkaa isaa ergee harka Heroodisii fi waan Yihuudoonni natti yaadaa turan hunda jalaa na baase shakkii malee beekeera" jedhe.
12 Innis erga waan kana hubatee booddee mana Mariyaam haadha Yohannis isa Maarqos jedhamu sanaa iddoo itti namoonni baayʼeen walitti qabamanii duʼaa gochaa turan dhaqe.