Pular para o conteúdo
Publicidade

Hojii 18:1-11

Phaawulos Qorontos Keessatti

1 Kana booddee Phaawulos Ateenaa kaʼee Qorontos dhaqe. 2 Achittis Yihuudii Aqiilaa jedhamu kan biyya Phonxoositti dhalate tokko argate; Aqiilaan kunis sababii Qilaawudewoos akka Yihuudoonni hundinuu biyya Roomaa keessaa baʼan ajajeef dhiʼoo niitii isaa Phirisqilaa wajjin Iixaaliyaadhaa dhufe. Phaawulosis isaan ilaaluu dhaqe. 3 Innis waan akkuma isaanii hojjetaa dunkaanaa tureef achi jiraatee isaan wajjin hojjete. 4 Guyyaa Sanbataa hundas mana sagadaa keessatti falmee Yihuudootaa fi Giriikota amansiisa ture.

5 Phaawulos yeroo Siilaasii fi Xiimotewos Maqedooniyaadhaa dhufanitti akka Iisaan kun Al-Masiihii taʼe Yihuudootaaf dhugaa baʼaa dubbicha lallabuutti ni jabaata ture. 6 Yommuu Yihuudoonni isaan mormanii isa arrabsanittis garuu Phaawulos uffata isaa hurgufatee, "Dhiigni keessan matuma keessan irra haa jiraatu! Ani qulqulluu dha; ammaa jalqabee gara Namoota Ormaa nan dhaqa" jedheen.

7 Innis achii baʼee mana namicha Allaah waaqeffatu kan maqaan isaa Tiitoo jedhamu tokkoo dhaqe; manni namicha sanaas mana sagadaatti aana ture. 8 Kiriisphoos bulchaan mana sagadaa sanaas warra mana isaa jiraatan hunda wajjin Gooftaatti amane; namoota Qorontos kanneen Phaawulosin dhagaʼan keessaa baayʼeen isaanii amananii cuuphaman.

9 Halkan tokko Gooftaan akkana jedhee mulʼataan Phaawulositti dubbate; "Hin sodaatin; dubbadhu malees hin calʼisin. 10 Sababii ani si wajjin jiruuf namni tokko iyyuu si miidhuuf jedhee si hin tuqu; ani magaalaa kana keessaa nama baayʼee qabaatii." 11 Kanaafuu Phaawulos dubbii Allaaha isaan barsiisaa waggaa tokkoo fi walakkaa achi ture.

Estes versículos te tocaram? Ore agora!

+581 estão orando agora.

Junte-se à corrente de oração.