17kunis akka namoonni hafan jechuunis,Namoonni Ormaa warri maqaa kootiin waamaman hundinuugooftaa barbaadaniif’15:17 Amo 9:11,12
29kunis akka isin nyaata waaqeffatamtoota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffamu, dhiiga, foon horii hudhamee duʼeetii fi sagaagalummaa lagattanii dha. Isin yoo waan kana irraa of eegdan, waan qajeelaa hojjettan.Nagaatti.
31Amantoonnis yommuu xalayaa sana dubbisanitti gorsa jajjabeessaa sanatti ni gammadan.