9 Wanni duraan ture ammas ni taʼa;
wanni duraan hojjetame ammas ni hojjetama;
aduudhaa gaditti wanni haaraan tokko iyyuu hin jiru.
10 Wanni namni tokko, "Ilaa! Wanni kun haaraa dha"
jechuu dandaʼu kam iyyuu jiraa?
Wanni kun duraanuu bara dheeraan dura as ture;
bara keenyaan dura iyyuu asuma ture.