Pular para o conteúdo
Publicidade

Efésios 3

16 Inni akkuma badhaadhummaa ulfina isaatti karaa Hafuura isaatiin namummaa keessan kan keessaa humnaan akka cimsuuf duʼaa nan godha; 17 akka Al-Masiihiinis karaa amantiitiin garaa keessan keessa jiraatuuf duʼaa nan godha. Akka isin hidda gad fageeffattanii jaalalaan dhaabattaniifis duʼaa nan godha; 18 isinis jaalalli Al-Masiihii hammam akka balʼatu, hammam akka dheeratu, hammam akka ol fagaatuu fi hammam akka gad fagaatu qulqulloota hunda wajjin hubachuudhaaf akka humna qabaattaniif, 19 akka guutama Allaaha hundaan guutamtaniifis jaalala Al-Masiihii kan beekumsaa ol taʼe sana akka beektaniif duʼaa nan godha.

Veja também