5 Iisaanis yommuu amantii isaanii argetti namicha dhagni irratti duʼe sanaan, "Gurbaa, cubbuun kee siif dhiifameera" jedhe.
9 Namicha dhagni irratti duʼe kanaan, ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii siree kee fudhadhuu deemi’ jechuutu salphaa dha? 10 Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada." Kanaafuu inni namicha sanaan, 11 "Ani sitti nan hima; kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali" jedhe.