17 Namoota sana keessaas namichi tokko akkana jedhee deebise; "Yaa barsiisaa, ani ilma koo kan hafuura arraba didaadhaan qabame sitti fideera.
22 Isa ajjeesuuf jedhees yeroo baayʼee ibidda keessa yookaan bishaan keessa isa buuseera. Ati garuu yoo waanuma tokko illee gochuu dandeesse garaa nuu laafiitii nu gargaari."
23 Iisaanis, " ‘Yoo dandeesse’ jettaa? Nama amanuuf wanni hundi ni dandaʼama" jedheen.
24 Yommusuma abbaan mucaa sanaa, "Ani nan amana; amantii dhabuu koo na gargaari" jedhee iyye.