8 "Namni Allaah ni saamaa?" Taʼus isin na saamtan.
"Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu.
"Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan. 9 Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu. 10 Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa shamaayʼun banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa" jedha Rabbii Allaahan Waan Hunda Dandaʼu.