14 Yoos isaan akkamitti isa itti hin amanin waammachuu dandaʼu ree? Isa waaʼee isaa hin dhagaʼinittis akkamitti amanuu dandaʼu ree? Utuu namni isaanitti hin lallabinis akkamitti dhagaʼuu dandaʼu ree? 15 Isaanis utuu hin ergamin akkamitti lallabuu dandaʼu? Kunis isa, "Miilli warra injiila fidanii akkam miidhagaa dha!" jedhamee barreeffamee dha.
16 Oduu gaarii sanas kan fudhate Israaʼeloota hunda miti. Isaayyaas, "Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane?" jedhaatii. 17 Egaa amantiin ergaa dhagaʼuudhaan dhufa; ergaan kunis karaa dubbii waaʼee Al-Masiihiin dhagaʼama.