Duʼaa Kaʼuu Al-Masiihii
1 Ammas yaa obboloota, ani waaʼee injiila ani isinitti lallabe, kan isin fudhattanii ittiin dhaabatan sanaa isin yaadachiisuu nan barbaada. 2 Isin yoo dubbii ani isinitti lallabe sana jabeessitanii qabattan injiiluma kanaan ni fayyitu. Yoo kanaa achii akkasumaan amantan jechuu dha.