4 Isin garuu yaa obboloota, akka guyyaan sun akkuma hattuutti isinitti hin dhufneef isin warra dukkana keessa jirtan miti. 5 Isin hundi ijoollee ifaa ti; ijoollee guyyaatis. Nu warra halkanii yookaan warra dukkanaa miti. 6 Egaa kottaa nu akka warra kaanii hin rafnuu; qooda kanaa kottaa ni dammaqnaa; of qabnas. 7 Warri rafan halkaniin rafuutii; warri machaaʼanis halkaniin machaaʼu. 8 Nu garuu waan warra guyyaa taaneef kottaa amantii fi jaalala akka qomee sibiilaatti uffannee, abdii fayyinaa immoo akka qoobii sibiilaatti kaaʼannee of qabnaa. 9 Allaahan akka nu karaa Gooftaa keenya Iisaa Al-Masiihiin fayyina argannuuf malee dheekkamsaaf nu hin filanneetii.
Publicidade