Publicidade

2 Coríntios 5

Tajaajila Araaraa

11 Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Allaah biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha. 12 Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif. 13 Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana "qalbii dabarsine," Allaahaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti. 14 Jaalalli Al-Masiihii nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra. 15 Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

16 Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Al-Masiihii ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu. 17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. 18 Kun hundinuus Allaah Al-Masiihiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; 19 kunis, Allaahan cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Al-Masiihiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Al-Masiihii ti; Allaahanis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Allaahatti araaramtaniif qooda Al-Masiihii taanee isin kadhanna. 21 Akka nu isumaan qajeelummaa Allaaha taanuuf Allaahan nuuf jedhee Al-Masiihii isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-