Publicidade

2 Coríntios 5

17 Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Al-Masiihitti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera. 18 Kun hundinuus Allaah Al-Masiihiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe; 19 kunis, Allaahan cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Al-Masiihiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera. 20 Kanaafuu nu bakka buʼoota Al-Masiihii ti; Allaahanis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Allaahatti araaramtaniif qooda Al-Masiihii taanee isin kadhanna. 21 Akka nu isumaan qajeelummaa Allaaha taanuuf Allaahan nuuf jedhee Al-Masiihii isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-