3ganama immoo, ‘Shamaayʼuniin diimatee duumessaaʼeeraatii harʼa bokkaan jabaan ni rooba’ jettu. Isin bifa shamaayʼun addaan baasuu ni beektu; garuu mallattoo baraa addaan baasuu hin dandeessan.
6Iisaanis, "Beekkadhaa; raacitii Fariisotaatii fi Saduuqotaa irraa of eeggadhaa" isaaniin jedhe.
26Namni yoo addunyaa guutuu argatee lubbuu isaa immoo dhabe, buʼaan isaa maali? Yookaan namni qooda lubbuu isaa maal kennuu dandaʼa?