Pular para o conteúdo
Publicidade

Efésios 5

22 Yaa niitota, akkuma Gooftaaf ajajamtanitti dhirsoota keessaniif ajajamaa. 23 Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif mataa taʼe sana dhirsi niitiif mataadhaatii; Al-Masiihiin Fayyisaa waldaa Al-Masiihii ti; waldaan kiristaanaa immoo dhagna isaa ti. 24 Egaa akkuma waldaan kiristaanaa Al-Masiihiif ajajamtu, niitonnis waan hundaan dhirsoota isaaniitiif haa ajajaman.

25 Yaa dhirsoota, akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihii jaallatee isheef of kenne sana isinis niitota keessan jaalladhaa; 26 innis karaa dubbii isaatiin bishaaniin ishee dhiqee qulleessee akka isheen qulqulluu taatuuf, 27 waldaa kiristaanaa ulfina qabeettii, mudaa yookaan suntuura yookaan waan akkanaa tokko illee hin qabnee garuu qulqullooftuu mudaa hin qabne godhee ofitti ishee dhiʼeessuuf waan kana godhe. 28 Akkasuma immoo dhirsoonni niitota isaanii akkuma dhagna ofii isaaniitti jaallachuu qabu. Namni niitii ofii jaallatu of jaallata. 29 Akkuma Al-Masiihiin waldaa Al-Masiihiitiif godhu sana namni kam iyyuu foon ofii ni soora; ni kunuunsas malee foon ofii hin jibbu; 30 nu kutaalee dhagna isaatii. 31 "Sababii kanaaf namni abbaa fi haadha isaa dhiisee niitii isaatti ni maxxana; lamaan isaanii iyyuu foon tokko ni taʼu."5:31 Uma 2:24 32 Kun icciitii guddaa dha; ani garuu waaʼee Al-Masiihii fi waaʼee waldaa kiristaanaa dubbadha. 33 Taʼus isin keessaa tokkoon tokkoon namaa akkuma of jaallatutti niitii ofii haa jaallatu; niitiinis dhirsa ofii haa kabajju.

Veja também