Dubbii Allaah Kan Xumuraa: Ilma Isaa
1 Bara durii Allaahan yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin nabiiʼiyyootaan abbootii keenyatti dubbatee ture; 2 bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume. 3 Ilmi calaqqisa ulfina Allaaha ti; eenyummaa Allaahas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee shamaayʼun irra mirga Allaah ulfina qabeessa sanaa taaʼe.