Iisaa Luba Ol Aanaa Guddicha
14 Egaa luba ol aanaa guddicha isa shamaayʼuniiwwan keessa darbe, Iisaa Ilma Allaaha waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa. 15 Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.