6 Garuu akkuma kakuun inni Iisaa gidduu galeessa taʼeef sun kakuu moofaa akka malee caalu sana tajaajilli inni fudhates tajaajila isaanii irra guddaa dha; kakuun haaraan waadaa caalu irratti hundeeffameetii.
7 Utuu kakuun jalqabaa sun mudaa qabaachuu baatee silaa kakuun lammaffaan hin barbaachisu ture. 8 Allaahan garuu saba sana irratti balleessaa argee akkana jedha;
"Yeroon ani itti mana Israaʼel wajjin,
mana Yihuudaa wajjinis,
kakuu haaraa galu ni dhufa
jedha Gooftaan.
9 Kakuun kunis kakuu ani,
yeroo biyya Gibxiitii isaan baasuuf jedhee
harka isaanii qabe sana
abbootii isaanii wajjin gale sanaan tokko miti;
isaan kakuu kootti jabaatanii waan hin dhaabatiniif,
ani isaan irraa gara galeera,
jedha Gooftaan.
10 Kakuun ani yeroo sana booddee
mana Israaʼel wajjin galu kanaa dha, jedha Gooftaan.
Ani seera koo qalbii isaanii keessa nan kaaʼa;
garaa isaanii keessattis nan barreessa.
Ani Allaah isaanii nan taʼa;
isaanis saba koo ni taʼu.
11 Sababii hundi isaanii,
xinnaa hamma guddaatti na beekaniif,
siʼachi namni kam iyyuu, ‘Gooftaa beeki’ jedhee,
ollaa isaa yookaan obboleessa isaa hin barsiisu.
12 Ani daba isaanii nan dhiisaaf;
cubbuu isaaniis siʼachi hin yaadadhu."8:12 Erm 31:31-34
13 Innis kakuu kanaan "haaraa" jedhee kakuu jalqabaa sana moofesseera; wanni moofaʼee fi wanni dulloome dafee bada.