14 yoos dhiigni Al-Masiihi isa karaa Hafuura bara baraatiin aarsaa hirʼina hin qabne taʼee Allaahaf of dhiʼeesse sanaa akka nu Allaah jiraataa tajaajilluuf hammam caalaa hojii gara duʼaatti nama geessu irraa qalbii keenya haa qulqulleessuu ree!
15 Sababii kanaaf akka warri waamaman dhaala bara baraa isa abdii kenname sana argataniif Al-Masiihiin araarsaa gidduu galeessa kakuu haaraa ti; inni cubbuu isaan yeroo kakuu jalqabaa jala turanitti hojjetan irraa isaan bilisoomsuuf jedhee furii taʼee duʼeeraatii.