Pular para o conteúdo
Publicidade

João 21

Iisaan Phexrosin Gaaffii Gaafate

15 Iisaan erga isaan ciree nyaatanii booddee Simʼoon Phexrosiin, "Yaa Simoon ilma Yohannis, ati warra kana caalaa na jaallattaa?" jedhe.

Innis, "Eeyyee, yaa Gooftaa; akka ani si jaalladhu atuu ni beekta" jedheen.

Iisaanis, "Ilmoolee hoolaa koo soori" jedheen.

16 Iisaan amma illee, "Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?" jedheen.

Innis deebisee, "Eeyyee, yaa Gooftaa, akka ani si jaalladhu atuu ni beekta" jedheen.

Iisaan immoo, "Hoolota koo tiksi" jedheen.

17 Yeroo sadaffaas, "Yaa Simoon ilma Yohannis, ati na jaallattaa?" jedheen.

Phexrosis sababii Iisaan yeroo sadaffaa, "Ati na jaallattaa?" jedhee isa gaafateef gaddee, "Yaa Gooftaa, ati waan hunda beekta; akka ani si jaalladhus ni beekta" jedheen.

Iisaanis akkana jedheen; "Hoolota koo soori.

Veja também