Ijoollee Ibraahim
31 Iisaan Yihuudoota isatti amananiin akkana jedhe; "Yoo dubbii kootti cichitanii jiraattan isin dhuguma barattoota koo ti. 32 Dhugaas ni beektu; dhugaanis bilisa isin baasa."
33 Isaanis, "Nu sanyii Ibraahim; nu eenyumaafuu takkumaa hin garboomne. Yoos ati akkamitti bilisa baatu nuun jetta ree?" jedhaniin.
34 Iisaanis deebisee akkana jedhe; "Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni cubbuu hojjetu hundi garbicha cubbuu ti. 35 Garbichi bara baraan mana hin jiraatu; ilmi garuu bara baraan ni jiraata. 36 Kanaafuu yoo Ilmi bilisa isin baase, isin dhugumaan bilisa ni baatu.