35 Jaalala Al-Masiihii irraa eenyutu gargar nu baasa? Dhiphina moo rakkina, ariʼatama moo beela, daaruu moo balaa yookaan goraadee? 36 Kunis akkuma,
"Nu siif jennee guyyaa guutuu ni ajjeefamna;
akka hoolota qalamuuf jiraniittis lakkaaʼamneerra"8:36 Zab 44:22
jedhamee barreeffamee dha. 37 Kana hunda keessatti garuu nu isa nu jaallate sanaan moʼattoota ni caalla.