10 Kunoo, Goottaan Mootiin Waan Maraa,
hunnaan hin dhufa;
irree ifiitille’een hin bulcha.
Kunoo, gatiin inni kennu,
harka isaa jirti;
waan kaffalu ifi duraa qaba.
11 Inni akka tisse’ee, hoolee ifii hin tissa;
inni akka ilmoolee hoole’ee
harka ifiitiin wolitti qabaa, habbaarata;
haadhotii ilmoole’ee malaan sooressa.