Pular para o conteúdo
Publicidade

Isaías 43

Waaqi Kolbaa Ifii Hin Woda

1 Amma ammoo, ee Yaaqoob, ka si dade,

ee Israa’el, ka si huje,

Mootiin Waan Maraa,

«Ani waan si wodeef hin sodaatin;

ani maqa’aan si waameera, ati kiyya.

2 Yennaa ati bisaan keessa dabartu

ani si woliin hin jiraadha;

yennaa ati laga gamatti buutu

bisaan si hin fudhatu;

ibidda keessa yennaa ideentu hin gubattu;

bobeenni ibiddaalle si hin gubu.

3 Ani Mootiin Waan Maraa Waaqi keeti,

Woyyichi Israa’elii

fayyisaa keeti.

Ani Gibxii wodoo teetiif,

Itoophiya’aa43:3 Itoophiyaa: Yaadannoo Dad. 2:13 irratti kenname ilaali. fi Saabaa addee teeti hin kenna.

Veja também