12 Inni cubbuu namoota heddu’uu ba’atee,
marroo yakkaa isaaniitiifille
isaaniif kadhate;
inni lubbuu ifii du’aaf
dabarsee kennee,
hamaaleyyii woliin
waan laakkowameef,
ani qooda isaa worra gugurdaa woliin
isaaf hin kenna;
inni worra jajjabaa woliin
boojuu hin qoodama» jedha.