Waaqi Worra Dheebote Waame
1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti,
gara bisaanii kowa’a!
Isin worri beesee hin qanne,
kowa’aatii, bitadha’aa nyaadha’a!
Kowa’aatii, beesee malee, gatii malee,
daadhii woyni’iitii fi aanan bitadha’a!
2 Waan sagalee hin te’initti
maaf beesee teessan baattan?
Waan isin hin quussinetti maaf eloottan?
Na caqasa’a, waan dansaa nyaadha’a;
sagalee dansa’atti gammada’a.
6 Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha’a;
adoo dhikoo jiruulle isa waammadha’a.
7 Nami hamaan karaa ifii,
nami yakkaamessi yaada ifii lakkisee,
gara Mootii Waan Maraa Waaqa keennaa deebi’uu ti;
inni isaaf hin marara;
araarri isaalle baca’a.