Publicidade

Isaías 55

1 Mootiin Waan Maraa, «Isin worri dheebottane marti,

gara bisaanii kowa'a!

Isin worri beesee hin qanne,

kowa'aatii, bitadha'aa nyaadha'a!

Kowa'aatii, beesee malee, gatii malee,

daadhii woyni'iitii fi aanan bitadha'a!

2 Waan sagalee hin te'initti

maaf beesee teessan baattan?

Waan isin hin quussinetti maaf eloottan?

Na caqasa'a, waan dansaa nyaadha'a;

sagalee dansa'atti gammada'a.

3 Gara kiyya kowa'a!

Gurra keessan gara kiyya deebifadha'a;

akka jiraattanuuf na dhage'a'a!

Jaalala kiyya ka bara baraa ka Daawitiif waadaa galeen,

gondooroo bara baraa isin woliin hin godha.

4 Kunoo, ani Daawiti

kolbaa heddu'uuf dhugaa-bayaa,

sooressaa fi ajajaa kolbaa heddu'uu godheera.

5 Kunoo, ani Mootiin Maan Maraa

Waaqi keeti Woyyichi Israa'elii

ulfinna waan sii kenneef,

ati gosa biyya adda addaa ta hin beenne hin waanta;

gosi biyya adda addaa ta si hin beennelle

ariiti'iin gara keeti hin dhufan» jedha.

6 Yennaa Mootiin Waan Maraa dhaggamu barbaadadha'a;

adoo dhikoo jiruulle isa waammadha'a.

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-22_10-02-25-