13 Isin seera Waaqaa ka marroo guyyaa Sanbataa yoo eegattane, guyyaa woyyicha kiyya kanatti, waan fedhii teessanii yoo godhuu dhaddane, guyyaa Sanbataa guyyaa gammadaa, guyyaa kiyya woyyicha guyyaa ulfinnaa yoo godhattane, guyyaa san haajaa keessaniif ideemiisa, waan fedhii teessanii godhiisa yookiin waan dubbatiisaaf hin malle yoo lakkittane, 14 isin yennaa san ana Mootii Waan Maraatti hin gammadan; ani lafa mara irratti akka isin ulfaattanu, dhaala abbaa keessan Yaaqoobiille akka isin nyaattanu hin godha; ani Mootiin waan Maraa tana dubbadheera» jedha.
Publicidade