Publicidade

Isaías 58

3 Isaan, «Eega ati gara laama keennaa hin ilaalle teetee, nuuti maaf laanne ree? Gad ifi qabiisa keenna eega ati hin ilaalin, nuuti maaf ifi gad qanne ree?» jedhan.

Mootiin Waan Maraa isaaniin, «Kunoo, guyyaa laamaatitti isin waanuma fedhii teessanii gootan; hojjattoota teessan maraayyuu hin cunqursitan.

4 «Kunoo, laam keessan lolaa fi moroma’aan, tuntummuu hammeennaatiin wol tumiisaan muummowa; akka amma laamiisatti jirtanu kana laamaa, daadimati keessan ol-gubbaatti waan isiniif dhage’amu isinitti hin fakkaatin. 5 Laam ani filadhe ka akkasii kanaa ree? Nami ka ifi gad qabu, guyyaa akkanaa qofaa ree? Akka allaadu’uu qooree mataa ifii gad qabatiisaa ree? Yookiin woyaa gaddaa uffatee daadhaa irra gangalatiisaa ree? Laam isin jettanu isa kanaa ree? Guyyaan ana Mootii Waan Maraa biratti fudhatama qabu guyyaa akkanaatii ree?

6 «Laam ani filadhe worra haqa malee hidhame akka hiittanu, wodaroo waanjo’oo akka hiittanu, worra cunqurfame bilisa akka baattanuu fi waanjoo mara akka caccassittanuu motii ree?

Veja também

Publicidade
Bíblia Online Bíblia Online

Bíblia Online • Versão: 2026-06-29_22-07-56-