Ol-gubboota Haareya Fi Lafa Haareya
17 Mootiin Waan Maraa, «Kunoo, ani ol-gubboota haareyaa fi lafa haareya hin dada; wonni dur te’e hin qaabatantu yookiin hin yaadatantu. 18 Kunoo, ani Yerusaalem qachaa gammadaa, kolbaa isi’iille worra gammadu waan godhuuf, isin waan ani dadutti haga bara baraa gammada’aatii, ilillisa’a. 19 Ani Yerusaalemii fi kolbaa tiyyatti hin gammada; haganaa achi qoonqoon bowaatii fi iyyaa achi isii keessatti hin dhage’antu.