Mooticha Nageyaa Ka Dhufu’uu Jiru
1 Worri guddoo rakkataa ture haganaa achi, dukkana dimimmisa keessa hin le’u.
Bara durii inni lafa Zabilooniitii fi Niftaalemii salphise; bara hegerii ammoo inni lafa laga Yordaanosiin gamaa, ta karaa abbaaya’aa biraa, Galiilaa worra Yihudoota hin te’iniitiif ulfinna hin kenna.
2 Kolbaan dukkana keessa leete,
ifa guddaa dhaggite;
worra lafa gaaddisa du’aa keessa le’eefille
ifi baye.
3 Waaqa, ati gosa baceessiteerta;
gammada isaaniille itti edeeteerta;
namooti yennaa midhaan galfatanu,
boojuulle yennaa qoodamanu akkuma gammadanu,
isaan si duratti hin gammadan.
4 Akkuma bara worri Miidiyaanii injifatame goote,
waanjoo isaanitti ulfaate,
ciiraa gurmuu isaanii irraa,
ulee worra isaan cunqursuulle caccassiteerta.
5 Kopheen loltooti yennaa lolaa keyatanu marti,
woyaan dhiiga keessa gangalfante martinuu
akka qoraanii ibiddaan hin gabbatti.
6 Annuun nuuf dhalateera;
ilmi nuuf kennameera;
Baalliin gurmuu isaa irra hin jiraatti;
maqaan isaa, «Gorsaa maade’ee,
Waaqa hunnaamessa,
abbaa bara baraa,
qondaala nageyaa» hin jedhama.