22 Akkuma hundinuu Aadamiin duʼan, hundinuu Al-Masiihiin jiraatoo ni taasifamuutii. 23 Kun hundinuus yeroo dabaree isaatti ni taʼa; Al-Masiihi hangafticha, ergasii immoo yeroo inni deebiʼee dhufutti warra kan Al-Masiihii taʼan. 24 Innis erga bulchiinsa hunda, taayitaa fi humna hunda balleessee booddee, yeroo Allaah Abbaatti mootummaa dabarsee kennutti dhumni ni taʼa. 25 Inni hamma diinota isaa hunda miilla isaa jala galfatutti moʼuu qabaatii.
Publicidade
1 Qorontos 15
Estes versículos te tocaram? Ore agora!
+581 estão orando agora.
Junte-se à corrente de oração.