7 akka ani mulʼata akka malee guddaa kanaan of hin tuulleef qoraattiin foon koo waraanu tokko, malaʼikkaan sheeyxaanaa akka na dhiphisuuf naa kenname. 8 Wanni kun akka narraa fagaatuuf siʼa sadii Gooftaa nan kadhadhe. 9 Inni garuu, "Ayyaanni koo si gaʼa; humni koo dadhabbii keessatti guutuu taʼaatii" naan jedhe. Kanaafuu humni Al-Masiihii akka narra boqotuuf waaʼee dadhabbii kootii caalchisee gammaduudhaan akka malee nan boona. 10 Ani waaʼee Al-Masiihiif jedhee dadhabbii keessatti, arrabsoo keessatti, gidiraa keessatti, ariʼatama keessatti, rakkina keessattis gammaduun koo kanumaaf. Yoos ani yeroon dadhabutti nan jabaadhaatii.
Publicidade
Publicidade