10 Innis akka taabonni Rabbii Allaah isa wajjin Magaalaa Daawud keessa jiraatuuf ofitti fudhachuu hin barbaanne. Qooda kanaa gara mana Oobeed Edoom namicha Gitii sanaatti geesse. 11 Taabonni Rabbii Allaahas jiʼa sadii mana namicha Gitii kan Oobeed Edoom jedhamu sanaa ture; Rabbii Allaahanis isaa fi warra mana isaa jiraatan hunda ni eebbise.
12 Yeroo kanatti, "Rabbii Allaahan sababii taabota Allaahatiif jedhee warra mana Oobeed Edoom jiraatanii fi waan inni qabu hunda ni eebbise" jedhanii Daawud Mootichatti himan. Kanaafuu Daawud gad buʼee taabota Allaaha sana mana Abiidaaraatii gammachuudhaan gara Magaalaa Daawuditti fide.