14 Haa taʼuu malee sababii ati namoota barsiisa Balaʼaam 2:14 Barsiisa Balaʼaam – Balaʼaam falfaltuu Baabilon kan Baalaaq mootichi akka inni saba Israaʼel abaaruuf qaxaree dha. Akka seera Lak 31:16 irratti dubbatametti gorsi Balaʼaam akka sabni Israaʼel waaqeffatamtoota tolfamoo waaqeffatuu fi akka ejja raawwatuuf karaa irraa jalʼise (Lak 25:1-3). duukaa buʼan achii qabduuf ani waan sirraa jibbu xinnoo qaba; namni akka inni saba Israaʼel dura gufuu kaaʼee akka isaan nyaata waaqeffatamtoota tolfamoof aarsaa dhiʼeeffame nyaatanii fi akka isaan halalummaadhaan jiraatan godhuuf jedhee Baalaaqin barsiise Balaʼaam tureetii. 15 Akkasumas namoota barsiisa Niqolaawotaa duukaa buʼan tokko tokko of biraa qabda. 16 Kanaafuu qalbii jijjiirradhu! Yoo kanaa achii ani dafeen sitti dhufa; goraadee afaan kootiitiinis jara sana nan lola.
Publicidade